26/12/2025
Mee waan 5M ETHIOPIAN CODERS karaa kamiin hubattan?🙄
✍️
Sagantaan kuni hanga eegale namoota hedduutu baratee jira lakkoofsaan. Garuu, nama meeqatu irraa fayyadame isa jedhu mee waliin haa ilaallu🤝
Sagantaan akka yaadama isaatti baay'ee waan dansaa fi waan yeroon waliin deemu ture. Biyyi tokko guddatte kan jedhamu yoo karaa guddatte qofa. 'n yoo hin guddanne biyyi tokko addunyaan dorgimuu mitii, ummata ofiiyyuu bulchuudhaaf rakkoo guddaatu muudata. Kanaaf akka yaadatti waan barbaachisaa yeroo dirqama godheedha. Garuu, waan lafa irra jiru yoo ilaalle ajab 🙄 nama jechiisiisa.
Nama Certificate 4 guutuu fudhateetu jira. Kana keessaa mee tokko haa fudhannee ilaalluu.
Fundamental Programming 👇
isa kan jechuu waan Web development basic isaa kan ta'an, waan HTML, CSS Fi JAVASCRIPT nama barsiisa. Namichi kanaan Certified ta'ee Certificate isaa asirratti POST godhee waaqa Kootii haa galatuu Certified taanee jirra jedha. Garuu, isuma salphaa waanuma HTML yoo gaafateeyyuu namichi osoo hin argin bira lixe waan ta'eef waanuma isaatiiyyuu hin beeku🙄🙄
Namicha kanaaf gaaffiin ani qabu : Yaa namana eennuun sobaa jirta? Maaliif of shawwadda abbaa biyyaa? Sanuu POST gootaa🙄?
Ila obbolii akkana haa goonuu: waan barachuu feene wayii nu fayyada jennee yeroo kennineefii haa barannu. Yoo ta'uu baate yeroo keenya qaalii kanattiifi ofittillee taphachuu dhiifnee waan nu fayyadu haa oolchinuu🤝
Namoonni Basic waan Programming barachuu barbaaddan haala salphaadhaan qophaaye waan ta'eef dhaqaa Project hunda Practice godhaa baradhaa. Waan Basic erga achii qabattanii booda AI fayyadamaa waan xiqqoo tokko wayii hojjadha. Adeemsa keessa advance ta'aa dhuftu waan ta'eef akka kanaan Skill keessan tokko jedhaa eegalaa.
AI amma yeroon irra jiru kana qixa sirrii ta'een fayyadamuuf Basic Programming barachuun dirqama waan ta'eef, carraa kanatti fayyadamuun of shaakalsiisuu eegalaan dhaamsa kooti.
://t.me/asrtechshttps://t.m