20/07/2022
"Fuula kee ilaaleen
Kan siif ta'u beeka
Mataa kee caalattin
galma siif akeeka"
Naan jettee dirqamaan
Natti hin fe'in ba'aa
Kaayyoo koo nan beeka
Galma koos nan ga'a!
Gurraachaan adii jedhee
Ragaa sobaa siif ba'uu
Hin deemu dhaddachakee
Nama taajjabbii ta'uu
Dhalootaafan dhaladhe
Akkasittan amanaa
Ejjannoon koo jabaadha
Hin raafamu namana
Karaansaa dheeratus
Gaaraaf goda bu'ee
Maali yoon kaayyoo koof
Yeroo meeqa du'e!
Na nyaachuuf hamuummattee
Osoo eegduu qalma koo
Nan amana gaaf-tokko
Akkan ga'u galmakoo!
Isatu naaf maseensa
Summii lootuufi bofaa!
Homtuu nan gufachiisu
Hirkoon koo Rabbiin qofa