14/09/2022
Kutaa 2ffaa
moosaajiwwan IOS miliyoona 2.2 ta’antu kuusaa moosaaji Aappil ykn Apple App Store keessatti argamu jedha qorannoon marsariitii statista.com.
Moosaajiwwan miiliyoonatti lakkaa’aman kun hundi kan uumamaniif, gaaffiwwan ykn rakkoowwan miliyoonatti lakkaa’amaniif furmaata ta’uuf ykn deebii kennuuf yemmuu ta’an, jalqaba Bilbilli keenya moosaajiwwan kan dhuunfaa isaa siistem sooftiweeri waliin kan walitti hidhaman ykn integrate ta’an qofatu irra jiraata. isaanis System Apps jedhamuun beekamu. moosaajiwwan System Apps jedhaman bilbila keenya irraa balleessuu ykn uninstall gochuu hin dandeenyu, garuu disable gochuun ni danda’ma. moosaajiwwan System Apps jedhaman qofti garuu gaaffiiwwan keenya heedduu ykn waan barbaanne hunda nuuf kennuu hin danda’an, kanaaf moosaajiwwan kan biraa kuusaa moosaajiwwanii keessaa buufachuun nu irraa eegama. moosaajiwwan kunis Non-System ykn Third Party ykn User Apps jedhamuun beekamu.
Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android Baay’ee Nama Fayyadan Isaan Kami?
Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android jiruu fi jireenya guyyaa guyyaan keenyaa keessatti itti dhimma ba’uu dandeenyu baay’etu jiru. fknf: moosaajiwwan bara 2022 baay’ee filatamoo fi jaalatamoo ta’an keessaa muraasni:
✓Bilbila keenya vaayirasii irraa ittisuuf: Bitdefender Mobile Security.
Bilbila keenya yoo ganne ykn nu jalaa bade, bakka ykn iddoo itti ganne beekuf: Find My Device.
✓Hojiidhaf toora intarneeti irratti yeroo Apply goonu dookimantiwwan ykn CV ittiin erguuf: Gmail.
✓Magaala ykn biyya barbaanne keessatti bakka ykn iddoowwan deemuu barbaanne akka salphatti beekuf ykn argachuuf: Google Map.
Kutaa 3ffaa itti Fufaa
Find statistics, consumer survey results and industry studies from over 22,500 sources on over 60,000 topics on the internet's leading statistics database