01/07/2024
Kalaqa Indastirii Aartiif Dhufe
Lubbu-qabeeyyii addunyaa tanarra jiraatan keessaa, dandeettii yaaduu fi waa xiinxaluu isaatiin, qaroo fi qaroomaan dhala namaati. Horteewwan dhala namaa durii caayaa sanyii isaanii bal'ifatan keessaa hangaftichi, KUUSH. Kuush angafummaa fi qareessa ta'uun hortee ijoo gurraacha Afrikaati. Horteen Kuush qaroominaa fi ammayyummaa addunyaan har’a irra geesseef bu'ura. “Waa malee manni hin aaru” akkuma jedhamu, nutis waa malee Seenaa fi Seexaa ‘KUUSH’
Seenessuu hin feene. Maqaa qaroominaa fi angafummaa waliin ka'u Kuush jedhutu, mil'annaa fi kaayyoo hegeree maqicha gahuun, moggaasa 'Kuush Records' jedhu qabatee addunyaa morkii jaarraan teeknooloojii, odeeffannoo fi bashannanaa irra jirutti makame. Jaarraan kuni aartii fi kalaqa ofii guddifachuuf, indastirii aartii Afrikaarratti morkataa fi filatamaa ta'uuf, dhaabbata eenyummaan quuqamee, aantee ofiif dhimmamee daawwatamummaa fi diinagdeenis saba ofiif dursa kennuu barbaada. Kuush Records kalaqa jabaa qaawwa guddina indastirii aartii keenya sakaale irra aanuu dandeessisuun as baheera. Kuush Records, Ogeeyyii beekumsaa fi ogummaan sibiilomanii, muuxannoon bilchaataniin kalaqamee, guddinaa fi qaroomina Kuush haaromsuu fi itti fufsiisuuf gahuumsa horachuun, "Sicufe Maltii Miidiyaa"dhaabbata “Hawi Software Solution " waliin ta'uun rakkoo Aartii keenyaa furuuf, Appilikeeshiniin Kuush Record jedhu kalaqee, ifaajee waggoota lamaa booda milkiin gadi baheera. Nuti Gammanneerra, Isinis Baga Gammaddan!!! Milkaa'inna kalaqa kanaaf Artistonni fi qaamoonni nu cinaa turtan galata qabdu.
Appilikeeshiiniin haalli fayyadama isaa salphaa tahee fi Playstore irraa laayyootti buufachuun itti fayyadamnu kuni, Muuziqaan Oromoo gabaa Addunyaatti akka dhiyaatu gochuun ala qaawwa diinagdee abbootii kalaqaa fi aartiistotaa, aartii guddisuuf bu'aa malee ifaajaa turan ni fura. Appilikeeshinii Kuush Records namni kamuu bilbila isaarratti buufatee fayyadamuuf hin rakkatu.
Har'uma Appilikeeshinii Kuush Records playstore irraa buufannee warraqsa indastirii aartii kanatti yaa makamnu. Waahillan keenyaafis 'share' gochuun yaa beeksifannu.
Keenyumatu keenya, numatu keenyatti aanee guddifata, beeksifata, ittiinis fayyadamuu qabna. Horaa!! Bulaa!!!
Share kuush Record with your friends and family