Waataa Technology

Waataa Technology Partner with us today to scale your technology solutions at +251930300252

WAATAA Technology is a cutting-edge enterprise driving digital transformation through full-stack engineering, robust digital infrastructure, and AI-driven business platforms.

  Guyyaa har'aa Waataa Technology,     qaxalee argatee jira. Innis barsiisaa fi weellisaa, akkasumas hojii   kan beekamu...
29/07/2026



Guyyaa har'aa Waataa Technology, qaxalee argatee jira. Innis barsiisaa fi weellisaa, akkasumas hojii kan beekamu Dajanee Dabalaa Dhaabaa nu wajjin hojjwchuudhaaf ( , MOU) nu wajjin mallatteessee jira. Kunis ejjennoo nuyi gana keenyaan hawaasa keenya bira ogummaa barnoota teeknooloojii geessisuuf qabnu kan mirkaneessudha.

Akk*ma beekamu yeroon amma keessatti argamnu kun yeroo itti teeknooloojiin akkaan itti guddatee jiruu fi namni kamuu teeknooloojii fayyadamuudhaan hojmaata guyyuu mataa isaa akka gaggeeffatu isa dirqamsiisaa jirudha. Nus kana hubanneerra.

Guyyaa har'aa irraa kaanee ammoo hojiiwwan gama dhimmoota teeknooloojii irratti xiyyeeffatan irratti hubannoo kennuu, hawaasa keenya roga maraan jiran akkaataa humnaa fi dandeettii isaaniitti ogummaa yeroon barbaadu akka argataniif keenya kun beeksisuudhaaf guutuu argatee jira.

ummanni oromoo teeknooloojii barachuu fi ittiin hojjechuu qaba kan jedhu sana gama keenyaan mirkaneessuuf qaamolee dhimmi isaanii ilaallatu wajjin hojjechaa jirra, kanneen hafan wajjin hojjechuufis qophiidha.

Hanga ammaatti kana sagantaawwan teeknooloojii akka biyyaatti qophaa'an irratti hirmaachaa, bu'aa teeknooloojiin barachuu irraa argamu hawaasa keenya biraan ga'uun keenya beekamadha.

Labsii mootummaan ejjennoo namoota kalaqa isaanii fayyadamuun jijjiirama biyyaa keessatti qooda isaanii ba'ataniif carraa uumaa jiruun akka carraawwan bu'uura boruu ta'an argannee ittis fayyadamaa jirra.

Dhumarratti keenya nu wajjin hojjechuuf murteessitee waan nu simatteef galanni keenya guddaadha. Waliin taanee guddachuu fi hawaasa keenya gama teeknooloojiin humneessuu keessatti ga'ee keenyaa ni ba'anna.

"AI Powered Full Stack Development with MERN"

WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA

 'iba: Dargaggoo   ogummaa teeknoooloojii barachuudhaan barnoota tolaa(Fully Funded Scholoraship) doolaara Amerikaa mili...
18/07/2026

'iba: Dargaggoo ogummaa teeknoooloojii
barachuudhaan barnoota tolaa(Fully Funded Scholoraship) doolaara Amerikaa miliyoona afurii fi k*mma dhibba tokko baasu($4.1M) ykn qarshii Itiyoophiyaa miliyoona dhibba ja'aaf jaahatama fi k*m dhibba sagalii fi k*ma jahatamii ja'a ol(660,966,330.00Birr (ETB) baasu injifachuudhaan yuunibarsiitiiwwan Amerikaa 11 seenuu danda'ee jira.

"AI Powered Full Stack Development-with MERN"

Barataa dargaggoo ganna 19 ti. Yeroo ammaa kana yuunibarsiitiiwwan addunyaa keessaa filatamoo fi akkaan qaalii ta'an 11tti barnoota tolaa(Scholarship) doolaara Amerikaa miliyoona afurii fi k*ma dhibba tokko baasu($4.1M) argate.

Barataa Haayilee Adaanee jedhama. Dhalatee kan guddate magaalaa Aoosaattidha. Barataadha. Utuma barataan dubbiin daftee waan galteef barnoota ogummaa teeknooloojii kana barachuu eegale. Ogummaawwan inni barate keessaa barnoonni " " isa tokko. Hubannoo namtolchee fayyadamudhaanis projektiiwwan garaa garaa hedduu hojjeteera.

Ogummaa barateen project https://ethioexam.et jedhamu hojjeteen barattoota kutaa 12ffaa barataniif akkaataa isaan itti qormaata biyyaalessaa isaaniif qophaa'uu danda'aniif free course qopheessuun qormaata baroota 10 darbanii, gaaffiiwwan shaakalaa 40k+ ta'an, barnoota 12(kan barattoonni baratan) hunda isaa kan hammat qopheessuudhaan, barataan hundi tola akka fayyadamu taasiseera.

Egaa akk*ma kana dura dubbachaa turretti namni ogummaa teeknooloojii barachuun faayidaa malee miidhaa akka hin qabne, bakka Haayileen ga'e kana irraa ammoo dhugaa jiru mirkaneeffachuu dandeenyee jirra.

Dhugaa dubbachuuf ani gama kiyyaan akkasumas maqaa dhaabbata startup bakka bu'ee mucaa kana hedduun ajaa'iibsiifadhe. Adeemsa dheeraa deemuudhaan milkaa'ina dubbachuufuu namatti ulfaatu kana bira ga'uun isaa waan abjuu wayii namatti fakkaata. Garuu waan dhugaadha. Mee yaadaa eenyutu altokkotti carraa baranoota "Scholarship" yuunibarsiitii gurguddoo addunyaa 11tti argata? Sanuu ammoo doolaara amerikaa $4.1M baasuun. Doolaara kana gara qarshiitti yoo jijjiirre gara qarshii Itiyoophiyaa miliyoona dhibba ja'aaf jaahatama fi k*m dhibba sagalii fi k*ma jahatamii ja'a ol(660,966,330.00Birr (ETB) ti.

Isin waan jettan hin beeku malee kun anaaf abjuu wayii natti fakkataa. Garuu ammoo bu'aa ogummaa teeknooloojii barachuun dhufu yemmuu ilaallu ammoo walmadaala.
Mucaan kun ofumaa of barsiise. Carraa argametti fayyadamee course'wwan garaa garaa fudhatee ittiin ga'oome. "Bootcamp" qophaa'an mara irratti hirmaachuudhaan namoota irraa muuxannoo gaggaarii horatee sadarkaa amma irra ga'e kana irra ga'e.

Mucaa kana bakki dhalootaa isa hin daangessine. Haalota mijatoo hin eegganne. Baratee xumuree hojii argachuu irraa yaada isaa fageessee, yaada isaa dorgomaa addunyaa ta'uu irra godhate. Akk*ma akeeketti kunoo ni milkaa'e.

Yuunibarsiistii inni itti "Scholarship" itti argate keessaa tokko kan ta'e yuunibarsiitii addunyaa keenyaa keessa isa sadarkaa 1ffaa irraa jiru "Massachussetts Institute of Technology", Princeton University fi University of Pennsylvania / UPenn keessatti argamu.
Massachussetts Institute of Technology yeroo ammaa kana MiT xPRO dhaabbata EMIRUTUS jedhamu waliin ta'uudhaan course "Professional Certificate in Coding: Full Stack Development with MERN" kennuu irratti argama.

Barataa Haayilee adeemsa ittiin gara Amerikaa imalu dursee itti yaadee, ittis qophaa'e. "Portfolio/Model" garaa garaa kan ittiin dandeettii fi ogummaa isaa ittiin ibsachuu danda'u hnd qopheeffate. Yeroo ammaa kana addunyaan keenya kan isheen barbaaddu dandeettii fi Portfolio/Model keenya malee sadarkaa barnootaa keenyaa akka hin taane irra deddeebinee barreessaa turreerra. Kunis waanuma kana nuuf mirkaneessa.

Haayileen yeroo ammaa kana barataa qofa utuu hin taane, abbaa ogummaa hedduuti. Yemmuu gara yuunibarsiitiiwwan kanneeniitti imalus ogummaa isaa kanaan hojjechaa barnoota isaa barata. Achumaanis kubbaaniyaawwan gurguddoo kanneen akka google, OpenAI, Space-X, Youtube, Meta, Microsoft, Apple seenuuf illee mucaa ganamaan daandii isaa 99.99% xumure. Harkarra dhungatanii isa simatu. Sanuu dhabbileen kunneen yoo waldorgomanii mucaa kana fudhatan malee, akka salphaatti argachuuf ni rakkatu. Maaliif jennaan waggoota dhufan keessatti mucaan "HATIRIKII" hedduu galmeessa. Biyya kana keessatti mucaan waan ajaa'ibaa hojjechuu danda'e kun yemmuu kanarra haalota mijatoo argachatu ammoo hammam akka furguggifamu tilmaamuun nama hin rakkisu.

Ani mucaa kana hedduun ajaa'ibsiifadhe. Baay'ees nan gammade. Waaqayyoonis hedduun galateeffadhe. Waaaqayyo lammii akkasitti jabaatee hojjetee of ga'ee sadarkaa addunyaatti biyya keenyaaf ka'uu isaatti hedduun gammade. Namni jira edaa!!!!

Dargaggnni keenya mucaa kana irraa maal barattu?

Dhugaan kun waan nuuf galeef waggootaaf kottaa ogummaa teeknooloojii baradhaa jenne. Ogummaa teeknooloojii keessaa ammoo barnoonni"AI Powered Full Stack Development-with MERN" akkaan barbaachisaa fi barbaadamaa akka ta'e jala murree hubanne. Namni ogummaa teeknooloojii baratee end-to-end project hojjechuu dandeenyaan akka diamond harka isaa irraa qabuuti. Umurii jiraatu keessatti barbaadamaa ta'ee jiraata.
Dhaamsi nuyi ummata bal'aa, addumatti ammoo dargaggoota keenyaaf qabu, kottaa ogummaa teeknooloojii baradhaa. Ogummaa kana barachuuf bakki isin jiraattan isin hin daangessu. Haalli isin keessa jirtan isin hin daangessu. Sadarkaan barnoota keessanii isin hin daangessu!

"Ummanni Oromoo teeknooloojii barachuu fi ittiin hojjechuu aadaa isaa godhachuu qaba!!"

WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA

Madda: FBC




Gatii barnoota "AI Powered Full Stack Website Development-MERN STACK"  Qarshii miliyoona tokkoo ol (1,088,624.50ETB) baa...
14/07/2026

Gatii barnoota "AI Powered Full Stack Website Development-MERN STACK"

Qarshii miliyoona tokkoo ol (1,088,624.50ETB) baasanii akkamitti "Full Stack Development with MERN" baratu?

Yuunibarsiitii "Massachusetts Institute of Technology" jalatti sagantaa "MiT xPRO" jedhamu dhaabbata "EMERITUS" jedhamu waliin ta'uun "Professional Certificate in Coding: Full Stack Development with MERN" kennuu irratti argamu.

Yemmuun email kiyya ilaalu barnoota kana akkan baradhuuf MiT affeerraa naaf godhee jira. Anis link karaa email naaf ergame kana erga dhugaa ta'uu isaa mirkaneeffadhee booda, "acocunt create" godheen yemmuun galmaa'uuf jedhu kaffaltii isaan achirra kaa'antu na ajaa'ibe. Innis $6,742.50 USD ≈ 1,088,624.50 ETB (Ethiopian Birr) jedha. Tole, ani bu'aa barnoota "Full Stack Development with MERN" sirriitti waanan beekuuf gatii isaan barnoota kanaaf kennaniif yaada kootti isaaniin nan galateeffadhe.

Itti fufees curriculum isaan qopheessanii jiran barnoota kana barsiisuuf itti jiran yemmuun ilaalummoo daran hojiin isaanii quubsaa fi amansiisaa ta'uu isaan arge.
Maal kana qofaree? Bu'aa barnooticha barachuun argamu ragaa qorannoo irrati hundaa'e qabatanii, barbaachisummaa barnoota "Full Stack Development with MERN" kanaa illaa lafa kaa'aniiru.

Barbaachisummaa isaa keessaa

1. Miindaan nama Software Engineer/Full Stack Developer ta'e tokkoo giddu galeessaan $109020 dha

2. Amerikaa keessaatti fedhiin dhaabbilee ogeessota barbaaduu bara 2024-2034 16%'n dabala. Kana jechuun gara namoota 267700 ta'an jechuudha.

Turtiin barnoota kanaaf isaan kennanis torbanoota 26 yemmuu ta'u gara ji'aatti yemmuu deebifnu ji'oota "6" ta'a. Turtiin kunis turtii namni tokko barnoota ogummaa teeknooloojii akka kanaa baratee itti of geessisuu danda'u akka ta'e nuyis ni mirkaneessina.

"Nuyi ammoo akkaataa humnaa fi dandeettii hawaasa keenyaatti barnoota ogummaa teeknooloojii Full Stack Development with MERN" ni kennina.

Hubannaa koo!

Bakka ogummaa kanatti dorgommiin haa jiraatu malee namni sirriitti barnoota ogummaa kana baratee of ga'oomse bara jiraatu keessatti nama milkaa'aa ta'aa jiraata. Kanumaafi nus waggoota sadan darban keessa "kottaa" ogumma yeroon barbaadu baradhaa kan jenneef.

Ammallee haala qindaawaa ta'een barnoota armaan olii kana ni kenna.

: Nuyis sadarkaa armaan olii kanatti waan hubanneef bifa kamiin yoo barnoota teeknookoojii qopheessine, akkasumas turtii namni kamuu nu wajjin qabaatuuf daandii akkamii yoo itti agarsiifne caalaatti bu'aa argamsiisuu dandeenya kan jedhuun waan gaariidha jennee kan yaadnee fi kan addunyaan itti fayyadamaa jirtu qabannee jirra. Nu biratti namni tokko gaafa barnoota teeknooloojii baratu achumaan waan hedduu shaakalaa adeema.

Yemmuu nu biratti barachaa jiru keessatti akkamitti yeroo gabaabaa keeasatti:

1. ofii isaa jalqabuu akka danda'u,

2. Biyyi inni keessa jiraatu utuu isa hin daangessiin golee addunyaa kana keessatti hojii qabatamaa dhaabbilee addunyaa keessa hojjechuu akka danda'u ogeessota hojii kana biyyuma kana keessa taa'anii hojjechaa jiran dhiyeessuudhaan muuxannoo isaanii akka isiniif qoodan taasisuun,

3. Ogummaa nu biraa barattaniin sooftiweeriiwwan garaa garaa kanneen dhaabbilee garaa garaaf hojii salphisan hijjechuun galii mataa keessanii argattan gochuu fi

4. Dhaabbilee teeknooloojii addunyaa keenyaa kanneen akka , , , , tti dorgomaa taatanii hojjechuu akka dandeessan kallattii isinitti agarsiisuu,

5. Ogeessota dhaabbilee kanneen keessa hojjetan wajjin walitti isin fiduun muuxannoo isaanii akka isiniif qoodan, akkasumas gara dhaabbilee kanneeniitti akka isin godhan haala mijeessuu,

6. Abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee miti mootummaa karoora walfakkaataa irratti hojjetan wajjin walitti isin fiduu,

7. Dhaabbilee ogeessotata eeknooloojii barbaadan probabaly Full_Stack_Developers wajjin walitti isin fiduu dabalata. Kanaafuu nu biratti barachuun keessan bu'aa dachaa hedduu akka buufattan isin gargaara.

Kunis kan isin dhuftanii ragadhaan wajjin mirkaneeffatan malee waan hin mirkanaa'iin isiniif himaa hin jirru.

WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA







Barreessaan: Esayas Chemeda

Waataa Technology    Kottaa  waliin   jaarra! Barruun kun dheeratus qabiyyee murteessoo ta'an qabatee waan jiruuf obsaan...
11/07/2026

Waataa Technology

Kottaa waliin jaarra!

Barruun kun dheeratus qabiyyee murteessoo ta'an qabatee waan jiruuf obsaan dubbisaa, waliifis qoodaa! Yaada, qeeqaa fi jajjabina keesaniin ni ijaaramna!


==========
Yemmuu nu waliin barnoota teeknooloojii eegaltan kan bartan, barattanii fi shaakaltan waan hedduudha. Kunneenis
Namni tokko kaleessa ogummaa barnoota kompuuteraa utuu hin qabaatiin teeknooloojii barachuu akka danda'u. Kana jechuun ogummaan inni/isheen kaleessa sadarkaa dippiloomaa, digirii, maastersii fi PhD tti qabu kan teeknooloojiin ala yoo ta'e iyyuu jalqaba irraa eegalanii teeknooloojii barachuun gara addunyaa teeknooloojiitti ce'uun ogummaa ofii teeknooloojiidhaan deeggaruun akka danda'amu mirkaneeffatu. Yeroo ammaa kana teeknooloojiin kun kan dhufeef nama hundumaafi. Wanti nama ajaa'ibuu fi namatti tolu TOKKO ammoo namni hunduu teeknooloojii baratee ittiin hojjechuu yoo barbaade CARRAA walqixaa qabaachuu isaati. Namni tokko , , fi harka isaa irraa qabaate jennaan waan baruu fi barachuu barbaade inuma barata. Teeknooloojii barachuuf har'a afaan beekuun dirqama ta'aa hin jiru. Yeroo ammaa kanatti AI modes/agents kanneen akka , , , , , fi k.k.f fayyadamnee afaan barbaadneen gaaffii barbaadne yoo gaafanne yeroo itti deebii argachaa jirrurra geenyee jirra. Gaaffii gaafanneef deebiin nuyi AI irraa argannu ga'aa ta'uu baatus harka caalaa hojii keenyaa nuuf salphisee jira. Kunis bu'aa teeknooloojii barachuu, shaakaluu fi ittiin hojjechuu irraa argamedha.

Keessumaa ammoo wanti gaariin teeknooloojiin yeroo ammaa kana qabatee dhufe keessaa waan hunda hammatee dhufuu isaati. Nuyi akkaataa itti fayyadama isaa beeknaan baay'ee nu fayyada. Kanaafuu teeknooloojii barachuu jechuun "akkaataa itti fayyadama isaa wajjin beekuu" dabalata.

Ammas akkaataa itti fayyadama teeknooloojii beekuuf ammoo dursanii teeknooloojii kanneen boru hojii keenya keessatti itti fayyadamnu baruun barbaachisaa ta'ee argama. Kana jechuun namni dhimma fayyaa barate tokko ogummaa fayyaa isaa keessatti akkamitti teeknooloojii godhee itti fayyadamuu akka danda'u, namni ogummaa qonnaa barate tokko ogummaa isaa kanaaf teeknooloojii isa kam yoo barate/beeke ittiin hojjechuu danda'u, namni al-ergii fi fichisiisa irratti bobba'ee jiru tokko akkamitti hojmaata isaa guyyuu si'eessuu akka danda'uu fi teeknooloojii isa kam yoo barate fi paakeejii kam yoo gara dhaabbata isaatti dabale fayyadamaa ta'uu akka danda'u, namni/dhaabbanni investimentii irratti bobba'ee jiru, dhaabbanni tuurizimii irratti bobba'ee hojjetu kamiyyuu yemmuu teeknooloojii barachuu qabu adda baasee beeku, akkasumas ammoo baratu, yookaan ammoo warreen teeknookoojii baratan irraa gorsa fudhatu maal gochuu fi akkamitti bu'aa dachaa akka buufatu adda baasee beekuuf isa gargaara.

Namni teeknookoojii baratu fuulduree isaaf ifa guddaa kaa'aa adeema. Akkasumas carraawwan hedduu teeknooloojiin walqabatanii dhufan, akkasumas dhufaa jiran keessaa hirmaachuudhaaf sadarkaa duraa irra hiriira. Namni teeknooloojii barachaa jiru tokko yaada isaa sadarkaa addunyaatti ol guddisee daangaa dorgommii isaa utuu hin dhiphisiin, daangaa milkaa'insa isaa bal'ifatee golee addunyaa keessa sammuu qaroome qabaatee adeema. "Waaqayyo sammuu banamaa nuuf kennee jira." Sammuu banamaa erga qabaannee ammoo gadi teenyee waan baruu fi barachuu qabnu baakuutu nurraa eegama. Yoos qixxee warra milkaa'anii dhaabbachuu dandeenya.
Egaa kottaa nu biratti teeknooloojii baradhaa yemmuu jennu sadarkaa milkaa'ina keessanii guddifadhaa jechuu keenya. Yeroo ammaa kana teeknooloojii barachuu keessa milkaa'insa gurguddaatu jira. Kana ammoo haaluma addunyaan gama teeknooloojiin irra jirtu irraa mirkaneeffachuu dandeenya. Teeknooloojii barattanii, shaakaltanii, isa shaakaltan sana gara ammoo gara agarsiisa qabatamaatti jijjirtanii agarsiisuu yoo dandeessan simannaa keessna warrun teeknookoojii of harkaa qaban biratti guddachaa adeema.

: Nuyis sadarkaa armaan olii kanatti waan hubanneef bifa kamiin yoo barnoota teeknookoojii qopheessine, akkasumas turtii namni kamuu nu wajjin qabaatuuf daandij akkamii yoo itti agarsiifne caalaatti bu'aa argamsiisuu dandeenya kan jedhuun waan gaariidha jennee kan yaadnee fi kan addunyaan itti fayyadamaa jirtu qabannee jirra. Nu biratti namni tokko gaafa barnoota teeknooloojii baratu achumaan waan hedduu shaakalaa adeema. Yemmuu barachaa jiru keessatti akkamitti yeroo gabaabaa keeasatti ofii isaa jalqabuu akka danda'u, biyyi inni keessa jiraatu utuu isa hin daangessiin golee addunyaa kana keessatti hojii qabatamaa dhaabbilee addunyaa keessa hojjechuu akka danda'u ogeessota hojii kana biyyuma kana keessa taa'anii hojjechaa jiran dhiyeessuudhaan muuxannoo isaanii akka isiniif qoodan taasisuun, ogummaa nu biraa barattaniin sooftiweeriiwwan garaa garaa kanneen dhaabbilee garaa garaaf hojii salphisan hijjechuun galii mataa keessanii argattan gochuu fi dhaabbilee teeknooloojii addunyaa keenyaa kanneen akka , , , , tti dorgomaa taatanii hojjechuu akka dandeessan kallattii isinitti agarsiisuu, ogeessota dhaabbilee kanneen keessa hojjetan wajjin walitti isin fiduun muuxannoo isaanii akka isiniif qoodan, akkasumas gara dhaabbilee kanneeniitti akka isin godhan haala mijeessuu, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee miti mootummaa karoora walfakkaataa irratti hojjetan wajjin walitti isin fiduu, dhaabbilee ogeessota teeknooloojii barbaadan "probabaly" wajjin walitti isin fiduu dabalata. Kanaafuu nu biratti barachuun keessan bu'aa dachaa hedduu akka buufattan isin gargaara. Kunis kan isin ragadhaan dhuftanii mirkaneeffatan malee waan hin mirkanaa'iin isiniif himaa hin jirru.

keenya gama teeknooloojiitiin giddu gala waan hedduu ta'ee tajaajila. Giddu gala (Research & Development hub), giddu gala gorsaa fi deeggarsa garaa garaa kan teeknooloojii iratti xiyyeeffate dhaabbileedhaaf, hojjetoota dhaabbileedhaaf, gurmuu namootaaf, namoota dhuunfaaf ni kenna.

walumaagala mul'ata bu'aa qabeessa, kan yeroon barbaadu qabatee waan as ba'eef namoota/dhaabbilee wajjin hojjechuuf balbala isaa banee kottaa jechuun ni keessummeessa.
Namoonni barnoota teeknooloojii ogummaa kiyya wajjin deemu eessaan baradha jettan nuyi isiniif jira jedha !! Sanuu akka humnaa fi keessaniitti paakeejii nama hunduma hammatu qopheeessee jira.
Maatiin ijoollee, ijoolleen keessan teeknooloojii akka baratan hawwitan, ykn ijoolleen teeknooloojii barachuuf hawwan isiniif jirra jedha. Ijoollee keessan gara keenyaatti ergadhaa. Ni barsiifna,ni gorsina! Daandii qajeelaa irratti akka guddatan gochuu keesaatti isin waliin taanee turtii isaan nu wajjin qabaatan kessatti dirqama keenya ni ni ba'anna. Waggoota darban keessa ijoollee nu biratti baratan irratti jijjiirama gaggaarii argineerra.
♤Namoonni/ogeessonni itti dhiyeenyaan dhimma teeknooloojii kanaa beektan, hubattan
♤Abbootiin qabeenyaa qabeenya keessan irratti qabeenya dabalataa dabalachuun duuressa addunyaa keenyaa keessaa warra tokko ta'uu barbaadddan, hojjechaa jirtan
♤Dhaabbileewwan hojmaata keessan teeknooloojiidhaan deeggaruudhaan milkaa'ina dhaabbata keessanii arguu barbaaddan kotta nu wajjin hojjedhaa jenna.



WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA






 Akkam jirtu hundumti keessanuu..   yeroo ammaa kana labsii mootummaan Startup Proclamation 1396/2025 baasee hojiirra oo...
08/07/2026



Akkam jirtu hundumti keessanuu..

yeroo ammaa kana labsii mootummaan Startup Proclamation 1396/2025 baasee hojiirra oolchaa jiruun carraawwan gama labsii kanaan jiru hundumaa fayyadamuudhaan mul’ata isaa galmaan ga’uudhaan cichee hojjechaa jira. Dhaabbata guddaa, ummata keenya madaaluu fi gama teeknooloojiitiin ummata keenyaaf faayidaa gaarii tokko fidu ta’ee gara fuulduraatti ba’uudhaafis halkaniif guyyaa hojjechaa jira.

Addunyaa gama teeknooloojiitiin guddina saffisaa irra jirtu kana keessattis ummanni keenya, addumatti dargaggoonni keenya abbootii kalaqaa ta’anii dorgomaa sadarkaa addunyaatti jiru keessatti hirmaachuudhaan mul’ata isaanii akka milkeessaniif gama dandeenyu hundumaan ni deeggarra. Kanumaanis keessatti

: Namni kamuu umurii, saala, bakka, sadarkaa barnootaa fi ogummaan barnootaan utuu hin daanga’iin akk*ma biyyoonni guddatan, sababiin guddina isaanii teeknooloojii barachu fi ittiin hojjechuu ta’e, akkasuma nuyis teeknooloojii kana kana akka baranunuf, akkasumas ittiin hojjennee bu’aa gaarii tokko akka fiduudhaaf ogummaawwan diijitaalawaa gosa hundaa (All Digital Skills) barsiisuu,

: Bu’aa kalaqaa fi argannoo irratti kan hundaa’e rakkoowwan jiran teeknooloojiitti dhimma ba’uudhaan furmaata isaa fiduu, akkasumas yeroo amma addunyaan tokkoon hojiiwwan gurguddaa hojjechaa jirtu fi hojii salphisaa jirtu kana keessatti, nuyis ummanni keenya oomishaa fi tajaajila isaa kana bifa ammayyaawaa ta’een akka gurguratuuf deeggaruu,

: Piroojektiiwwan kanneen ijaarsa “teeknooloojii diijitaalawaa” ijraaruuf oolan ijaaruudhaan rakkoowwan hanqina babal’ina teeknooloojiin jiru gama tokkoon furuu keessatti hirmaachuudhaan keenyee darbuudha kaayyoon keenya.

Mul’anni keenya mula’ata bu’aa buusuu fi akeeka biyyi keenya ejjennoo teeknooloojii irratti qabattee deemaa jirtu( ) waliin waan walsimuuf bu’aa qabeessadha. Akkasuma galmi keenya galmawwan gurguddoo dhaabbileen gurguddooa teeknooloojii addunyaa keenyaa qabatanii ittiin milkaa’an irraa muuxannoo fudhatee irratti hojjechaa waan jiruuf galma gaarii fi ifaa ta’e ni qaba.

Kanaafuu qaamonni asiin gadiitti maqaan keessan tarreeffame nu waliin hojjechuun mul’ata ofii keessani fi kan dhaabbata keessanii milkeessuu fi bu’aa waloo buufachuu barbaaddan kottaa nu waliin hojjedhaa kan jedhu waamicha kabajaa isiniif dhiyeessina.

Ogeessota Teeknooloojii

AI Engineers
AI Researchers
Full-Stack Engineers
Cloud Engineers
DevOps Engineers
Network Engineers
Product Managers
AI/Machine Learning Engineers
UI/UX Designers

Hundeesitootaa fi Hoji gaggeessawwan dhaabbileewwanii

Health
Agriculture
Import & Export
Public & Private Colleges
Real Estate, Hospitality & Commercial Construction
Non-Governmental Organizations (NGOs) & Development Hubs
Government & Public Sector (Smart City & Digital Initiatives)
Corporate & Enterprise (Banking, Finance, and Large Logistic)
ICT Infrastructure
Microfinance

Abbootii qabeenyaa roga garaa irratti nu waliin hojjechuu feetan maraaf

Direct Investment
Venture Capital (VC) Funds
Angel Investor Networks
Strategic Corporate & Public Market Investors
Development Finance Institutions (DFIs) & Impact Investors

Dhaabbilee miidiyaa

Dhaabilee Broadcasting
Show
Podcast

Namoota dhuunfaa irratti dhiibbaa uuman

TikTokers
Facebookeers
Youtubers

Ogeessota hojiiwwan gorsaa irratti hojjetan

Policy Makers
Business Intelligence

Walumaagalatti qaamoleen armaan olitti ibsaman kunneen nu waliin hojjechuuf balballi keenya banaa waan ta’eef, kottaa nu wajjin hojjedhaa akkasumas nu deeggaraa jenna.

WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA




"  "Sam Altman, hoji gaggeessaan OpenAI, sagantaa guddaa "INDIA AI SUMMIT 2026" irratti hirmaachuuf deemee waan hin eegn...
06/07/2026

" "

Sam Altman, hoji gaggeessaan OpenAI, sagantaa guddaa "INDIA AI SUMMIT 2026" irratti hirmaachuuf deemee waan hin eegne arge. Carraa isaaf kennameen yemmuu haasaa taasise keessatti akkas jedhe. Indian ogeessota "Full Stack Developers" ga'aa ta'an waan qabduuf nuyi ogeessota kanneen gara keenyatti waamnee hojjechisuu irra, INVESTMENT keenya gara INDIA fiduutu irra wayya kan jedhu murteesse. Kanumaanis GOOGLE India keessatti baajata $2B dhaan invest godhaa jira. Giddu gala AI (AI HUB) India keessatti ijaaraa jiru jechuudha.

Eeyyeen, biyyi tokko dhaloota ogummaa barbaachisu baratee, of ga'een yemmuu qophooftu, isheetu addunyaa barbaada utuu hin taane, addunyaatu ishee barbaacha dhufa. Yeroo ammaa kanatti ammoo ogummaan barbaachisu ogummaa teeknooloojiiti. Ka'umsi gara addunyaa teeknooloojiitti seenuuf nama dandeessisuu fi bu'a qabeessummaan isaa baay'ee ol'aanaa ta'e ammoo " " dha.

Yemmuu gara dhuftan " " qofa barattu utuu hin taane, akkaataa itti jireenya keessan gara fuulduraa keessatti ogummaa ga'aa argattanii ittiin dorgomaa cimaa ta'uu dandeessan barattu. Dandeettii kalaqaa, argannoo fi milkii keessanii mirkaneeffattu.

tti barnooonni "AI-Powered Full Stack Website Development-MERN STACK" qaamaan magaalaa Shaggarii fi Finfinneetti, akkasumas karaa toora interneetii(LIVE CLASS) yeroo dhiyootti ni eegalama.

WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA







Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waataa Technology posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waataa Technology:

Shortcuts

Share